Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC) – Inisheetiviiwwan 28 Mootummaan Naannoo Oromiyaa bocee hojiirra oolche bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuun ibsame.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya uummata naannichaa jijjiiruun diinagdee isaa utubuuf inisheetiviiwwan garaagaraa bocee hojiirra oolcheen bu’aa abdachiisaan argamaa jira.
Inisheetiviiwwan kanaan hojii dhabdootaaf carraan hojii umamuu, maddi galii biyyaa guddachaa jiraachuufi uummanni nyaata madaalawaa akka argatu ta’uun karoora imala badhaadhinaaf milkaa’ina ta’uun ibsameera.
Hojii sagantaa Ashaaraa magariisaan hojjetamaa jiruun madaala uumamaa eeguu bira darbee qabeenya uumamaa manca’aa ture deebisuun naannoo jireenyaaf mijataa ta’e uumuun madda galii, nyaataa, tuurizimiifi indaastirii taasisuun galma qabame milkeessaa jiraachuun eerameera.
Bu’uuruma kanaan Inisheetiviiwwan 28 mootummaan bocee gadi buuse bu’aa qabatamaa argamsisaa jiran keessaa inisheetiviiwwan Muuzii fi Avokaadoo tokko ta’uu eerameera.
Sadarka Pireezidaantii itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessan Kilastera Baaddiyaa Obbo Addisuu Araggaan Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aatti qophii Ashaaraa magariisaa bara 2017 daawwachaa jiraachuun ibsame.
Buufata biqiltuu fi giddugala Qonna Qindaa’aa Aanaa Ada’aa fi Luumee daawwataniiru.
Tasfaayee Ijiguutu gabaase.