Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC) –Ministeerri Jallisii fi naannawaa Gammoojjii Oromiyaatti iddoolee hongeen miidhaman dandamachiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Ministeerri Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii proojektii fooyyessa jireenya hawaasa naannoo gammoojjiif qabameen naannoo Oromiyaa iddoowwan garaagaraa hongeen miidhaman bayyaannachiisuuf Baankii Addunyaarraa deeggarsi namoomaa ramadamuu beeksiseera.
Ministeerichi ibsa miidiyaaleef kenneen hawaasa gammoojjii Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti rakkoo hongeef saaxilaman dandamachiisuuf hojjetamaa jiraachuu himeera.
Birriin miiliyoonni 6 fi kumni dhibbi 3 fi kumni 95 fi 993 har’a naannoo Oromiyaaf dabarfame kennameera.
Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad wayita deeggarsicha dabarsanii kennan hawaasa naannawaa gammoojjii hongeef saaxilame dandamachiisuuf hojiin eegalame itti fufa jedhaniiru.
Preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan deeggarsa taasifameef galateeffachuun, mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo hongeen qaqqabu qolachuuf furmaata waaraa fiduuf dhaabbiin kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.