Oromiyaatti hojiirra oolaa kan jiru sosochiin misooma Bunaa sadarkaa olaanaatti ce’aa jira- Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 9, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti hojiirra oolaa kan jiru sosochiin misooma Bunaa damicha sadarkaa olaanaatti cesisaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.

Obbo Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, bara 2011 mootummaan naannichaa damee misooma Bunaa fuulduratti tarkaanfachiisuuf Naqamteerratti sosochi damichaa ifoomsuun hojiitti seenuu ibsaniiru.

Kana hordofees naannichatti lafti biqiltuu bunaan uwwifame yeroo ammaa dachaan dabaluu eeraniiru.

Oomishtummaan dabaluu is Daldalaa alaa Bunaa biyyattii guddisuu akeekaniiru.

Haalli kun ammoo qonnaan bultoonni oomishicharraa fayyadamtoota taasisuu Obbo Shimallis ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment