Oromiyaatti Guyyaan Horsiisee Bultootaa Amajjii 14 Adaamaatti kabajama

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti guyyaan horsiisee bultootaa Amajjii 14, 2016 Magaalaa Adaamaatti akka kabajamuu Biiroon Misooma Jallisiii fi Horsiisee Bultootaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biirichaa Injiinar Girmaa Raggaasaan ibsa miidiyaaleef kennaniin sadarkaa Oromiyaatti Guyyaan Horsiisee bultootaa marsaa 19ffaan mata duree “Misoomni Naannawaa Horsiisee Bultootaa Badhaadhina Biyyaaf” jedhuun kan kabajamu ta’uu ibsan.

Guyyicha sababeeffachuun mariin paanaalii hayyootaa fi qooda fudhattoota hirmaachise kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Guyyichis Amajjii 14 Magaalaa Adaamaatti bakka qooda fudhattoonni argamanitti kan kabajamu ta’uu eeraniiru.

Sirna kabaja guyyichaarratti sagantaaleen pooteenshaalaa fi carraa naannawaa horsiisee bultootaa jiru madda investimentii, daldalaa, tuurizimii fi aartii gochuu dandeessisaan kan gaggeeffaman ta`uus ibsaniiru.

Rahmaa Ahmaditu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment