Oromiyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 400 ol dhaabuuf duulli ashaaraa magariisaa eegale

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 400 ol dhaabuuf duulli ashaaraa magariisaa naanncihaa godinaalee fi aanaalee Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Duulaa ashaaraa magariisaa Naannoo Oromiya kana guyyaa har’aa Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti eegalchiisaniiru.

Sagantaa ashaara magariisaa akka Oromiyaatti har’aa eegalerratti Ministirri Ministeeraa Qonnaa Obbo Umar Huseen, dabalatee hoggantoonni biroon argamaniiru.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment