Oromiyaatti guddina magaalotaa saffisaan dabaluuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira jedhame

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa magaalota keessatti misooma ariifachisaa fiduu fi bulchiinsa gaarii dhugoomsuuf sochii taasisaa jiruun bu’aan qabatamaan mul’achaa jiraachuu ibsameera.

Seektarri Kilaastara Magaalaa Oromiyaa gabaasa raawwii karoora hojii ji’a shanii seektaraalee qorateera.

Gabaasa raawwii dhiyaaterratti karoora qabamerraa dhibbeentaa 80%kan raawwatamee yoo ta’u karoora hiixataa qabachuun hojiin hojjatame fooyya’aa ta’uun ibsameera.

Ji’oottan shanan darbanitti hojii qonnaa Magaalaatiin milkaa’inni guddaan kan argame ta’uu qorannoo hojii taasifameen beekkameera.

Carraa hojii uumuu fi raawwii piroojektoota invastimantii waliin walqabatee sadarkaa Godinaalee,Magaalotaa fi aanaaleetti hojiin hojjatamaa jiru garaagarummaa kan qabu ta’uu fi ammas dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu marii kanarratti eerameera.

Gamaaggama raawwii hojii kanaan hanqinaalee mudatanii fi milkaa’ina jiru adda baasuun kallattii hojii itti aanuu keessatti xiyyeeffannoo guddaan kan hojjatamuu ta’uu ibsameera.

Marii kanarratti sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaa kilaastara Magaalotaa Naannoo Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu dabalatee hooggansi seektaraalee,Magaalotaa fi qooda fudhattoonni sadarkaan jiran hirmaachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment