Oromiyaatti ganna dhufu biqiltuu biiliyoona 3.5 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu himame

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatt ganna dhufu biqiltuu gosa addaa addaa biliyoona 3.5 dhaabuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Oromiyaa beeksise.
 
Dhiibbaa jijjiirrama qilleensaa hambisuuf hojiin misoomaa fi eeggumsa qabeenya uumamaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachii biirichi ifoomseera.
 
Hojiin hojjetamaa jiru guddina diinagdee itti fufiinsa qabu yeroo gabaaba keessaati mirkanneessuf bu’ura ni kaa’a jedham
 
Biiroon Qonna fi Qabeenya uummamaa Oromiyaa biqiltuu ganna darbe dhaabbate kunuunsuu cinaatti bara kanas muduraa dabalatee biqiltuu gosa addaa adda biliyoona 3.5 qopheessuuf karoorfatee hojjetaa jiraachuu himameera.
 
Haalli qophii biqiltuu kanneenis yeroo ammaa sadarkaa gaariirra jiaachuu itti aanaa hogganaa fi itti gaafatamaan damee Qabeenya Uumamaa fi Wabii Nyaataa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Oromiyaa Obbo Indaalkaachoon himuu isaanii ragaan biiricharraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment