Oromiyaatti Ganna baranaatin amma ammaatti biqiltuu biiliyoonni 2.2 dhaabameera

Finfinnee, Adooleessa 16, 2012 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti sagantaa dhaabbii biqiltuu Ganna baranaatin amma ammaatti biqiltuu biiliyoonni 2.2 dhaabameera.
Raawwii ashaaraa magariisaa bara 2012 fi duula dhaabbii biqiltuu guyyaa 1 Adoolessa 22,2012 irratti ibsi laatameera.
Ibsicha har’a kan laate koreen teeknikaa Ashaaraa Magariisaa Oromiyaati.
Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatti itti aanaan hogganaa fi itti gaafatamaan damee qabeenya umamaa obbo Indaalkaachoo Tafariin ibsa laataniin ashaaraa magariisaa bara kanaatin akka Oromiyaatti biqiltuu biiliyoona 3.2 dhaabuuf karoorfame keessaa lammiilee miiliyoona 6.6 hirmaachisuun biiliyoona 2.2 dhaabameera jedhan.
Kunis karooricharraa milkaa’ina %70 irra ga’uu muul’isa jedhan.
Adoolessa 22, 2012 guyyaa 1tti akka Oromiyaatti biqiltuu miiliyoona 304 dhaabuuf karoorfameeras jedhan.
Kanaanis magaalaa fi baadiyyaatti; aanota 290 fi maagaalota 19tti hojiirra oolchuuf qophaa’ummaan jiraachuu eeran.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment