Oromiyaatti Galmeen Barattootaa bara barnootaa 2017 eegale

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti Galmeen barattootaa bara barnootaa 2017 har’aa eegaleera.

Jilli Hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon durfamu Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bachoo Mana Barumsaa Bu’uura Boruu Yaadannoo Haacaaluu Hundeessaatti argamuun haala galmee barattootaa daawwateera.

Maatiin barattootaa, caasaan barnootaa fi qaamoleen garagaraa, daa’imman umriin isaanii barnootaaf gahe akka galmaa’an qindoominaan akka hojjetan Dooktar tolaan dhaamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Biirichi akka beeksisetti, galmeen barattootaa har’arraa eegalee hanga Qaammee 5, 2016’tti kan gaggeeffamu yoo ta’u, bara barnootaa 2017’tti barattoota miiliyoona 12 simachuun barsiisuuf qophiin xumuramuu ibsuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment