Oromiyaatti Gaagurri ammayyaa kuma 900 ol raabsameera-BQO

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti gaagurri ammaayaa kuma 900 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Biirichi waltajjii gamaaggamaa raawwii gaagura ammayyaa fi misooma dammaa baranaa akkasumas karooraa 2017 damichaa gaggeesseera.

Itti Gaafatamaan Damee Misoomaa Qabeenya Beeyladaa Biirichaa Obbo Toleeraa Dabalaa akka ibsanitti naannichaa giddugala misoomaa dammaa taasisuuf inisheetiiviin bocamee hojiirraa oolaa jira.

Hanga xumura bara baajatichaatti gaagura ammayyaa miiliyoona tokko qonnaan bultootaaf raabsuuf hojjetamaa akka jiru eeruun hanga ammatti gaagurri ammayyaa kuma 900 ol raabsamuu himan.

Haaluma kanaan damma toonii kuma 97 fi 300 ol oomishamuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment