Oromiyaatti fayyadamummaa qabeenya bishaanii mirkaneessuuf hojjetamaa jira-Biiricha

Finfinnee, Amajjii 6, 2016 (FBC)-Fayyadamummaa qabeenya bishaanii naannichaa mirkaneessuuf Fandiin Misooma Qabeenya Bishaanii Hundeeffame hojiirraa oolchuuf hojjetamaa jiraachuu biiroon Biiroo Bishaanii fi Inaarjii Oromiyaa beeksise.

Fandii misoomaa qabeenya bishaanii naannoo Oromiyaa hundeeffamaa ilaalchisuun waltajjiin marii qaamolee dhimmichi ilaallatu hirmaachise gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Hooggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miliyoon Baqqalaan haasawaa taasisanii Naannoon Oromiyaa qabeenya bishaanii olaanaa osoo qabduu hanga barbaadame irraa fayyadamaa kan hin jirre ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf Fandiin Misooma Qabeenya Bishaanii hundeeffamuun Labsii, Dambiifi qajeelfamni bahuun hojiitti seenamaa jiraachuu eeraniiru.

Qabeenyaa bishaan naannichaa bulchuu fi dhiyeessii bishaan qulqulluu hawaasaan gahuu irratti Biiroo Bishaanii fi Inarjii hojjetaa jira kan jedhan injinar Miliyoon, kaayyoon hundeeffama Fandii Misoomaa Qabeenyaa Bishaanii kunis qabeenya bishaanii, kunuunsuu fi fedhii tajaajila bishaan dhugaatii hawaasaa naannichaa guutuuf ta’uun eerameera.

Kaayyoo hundeeffamaa fandii qabeenya bishaanii naannichaa milkeessuuf hawaasni gahee irra eegamuu bahachuu akka qaban waamichi dhiyaateera.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment