Oromiyaatti duulli misooma sululaa eegale

Finfinnee, Amajjii 15, 2015 (FBC)- Oromiyaatti duulli hojii misooma sulaalaa bara 2015 eegaleera.

Duulli hojii misoomaa sululaa guutuu Oromiyaatti guyyaa har’aa eegaluu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa fi Itti Gafatamaa Damee Qabeenyaa Uumama fi Wabii Nyaataa Obbo Eliyaas Kadiir Faanaa Biroodkaastingi Koorporeetitti himaniiru.

Duullichi godinaalee fi aanaalee Oromiyaa guutuu keessaatti gaggeeffamaa jiraachuu Obbo Eliyaas eeraniiru.

Akka Naannoo Oromiyaatti hojiin eegumsa biyyee fi bishaanii tajaajila lammummaatiin lafa hektaara miiliyoona 3 kuma 224 irratti sululaa kuma 6 fi 448 misoomsuuf karoorfamee kan hojjetamu ta’uu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Hawaasnis tokkummaan hojii eegumsa biyyee fi bishaaniirratti hirmaachuun biyya qabeenya uumamaan faayamtee fi badhaate dhaloota dhaalchisuuf dirqama isaa akka bahatu dhaamameera.

Duulli kun har’arraa eegalee guyyoota jaatamaaf kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment