Oromiyaatti duulli kunuunsa Ashaaraa Magariisa eegalame

Finfinnee, Mudde 11, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti duulli kunuunsa Ashaaraa Magarsiisa eegalameera.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeeffamaa tureen akka biyyaatti biqiltuuwwan biiliyoona 25 dhaabbate keessaa biqiltuuwwan biiliyoonni 13. 6 naannoo Oromiyaa keessatti kan dhaabbate ta’uu eerameera.

Naannichatti hojiin kun ummata hirmaachisuun hojjetamaa turuu fi ammas itti fufu isaa himameera.

haaluma kanaan Godina Baalee Bahaa Magaalaa Gindhiiritti sagantaan duula misooma sululaa fi kunuunsa Ashaaraa Magarisaa eegalamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Godina Jimmaattis duulli kunuunsa biqiltuu Ashaaraa Magariisaa  aanaa Saqqaa Coqorsaatti bakka hoggansi Godinaa argamanitti eegalameera

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment