Oromiyaatti duulli hojii kunuunsa biqiltuu eegalame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti duulli hojii kunuunsa biqiltuu Ashaaraa magariisaa eegalameera.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa har’aa eegalee duula kunuunsa biqiltuu ashaaraa magariisaa labsuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan har’a Magaalaa Jimmaatti duulli kunuunsa biqiltuu Ashaaraa magariisaa eegalameera.

Magaalicha gandoota adda addaa keessatti hojiin biqiltuu ganna darbe dhaabbate kunuunsuun duulaan eegalamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Jimmaarraa argame ni mul’isa.

Naannichatti ganna darbe sagantaa Ashaaraa magariiisaan biqiltuu biiliyoonni 4.3 kan dhaabate yoo ta’uu, % 90.5 ol latuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment