Oromiyaatti duulli guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 30 dhaabuu dubartootaan gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Guyyaa har’aa Sadarkaa Oromiyatti duulli guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 30 dhaabuu godinaalee fi magaalota garagaraatti gaggeemeera.

Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa fi Jaarmiyaaleen Dubartootaa duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree “Dubartoonni akkuma daa’ima kunuunsan biqiltuu kunuunsanii guddisuu danda’u” jedhuun gaggeeffamuun ibsameera.

Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Maabraat Baacaa akka jedhanitti dhaabbii biqilaa Ashaaraa magariisaa hanga ammaatti gaggeeffame keessatti qoodni dubartootaa olaanaadha.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 6ffaa bara kanaatiinis hirmaannaa dubartootaan biqiltuu miliyoona 130 dhaabuuf karoorfame hojjetamaa jirachuu eeraniiru.

Guyyaa har’aas duula guutuu Oromiyaatti gaggeeffamerratti dubartoonni miliyoona 3.3 ol himaachuun biqiltuu miliyoona 33.7 ol akka dhaabaan himuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment