Oromiyaatti “Duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuu”f qophiin xumuramuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC) –Hagayya 17, 2016 Duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 Haa dhaabnuu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad waamichaa taasisan hordofee Naannoo Oromiyaatti duulichaaf qophiin barbaachisuu xumuramuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Naannichatti duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 520 dhaabuuf karoorfamuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun Faanaa Biroodkaastingi Korporeetiif ibsaniiru.

Duula kanaan lammiileen miiliyoonni 21 ol kan hirmaatan ta’uus himaniiru.

Akka Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan Biqiltuu biiliyoonni 4.9 dhaabuuf karoorfameen hanga ammaatti biqiltuun gosa garaagaraa biiliyoonni 4.4 ol dhaabamuun ibsameera.

Haaluma kanaan kallattii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad kaa’aniin sadarkaa biyyaleessatti Hagayya 17, 2016 duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuuf qophiin barbaachisuu xumuramuu Obbo Geetuun himaniiru.

Hawaasni hundi Hagayya 17, 2016 ganama sa’aa 12:00 irra eegalee bakka dhaabbiin biqiltuu gaggeeffamutti argamuun akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment