Oromiyaatti dubartoonni miiliyoona 9.9 fayyadamtoota hawaas- diinagdee ta’aniiru-Biiricha

Finfinnee, Sadaasa 29, 2017 (FMC)-Naannoo Oromiyaatti dubartoonni miliyoona 9.9 waldaan gurma’aanii fayyadamtoota hawaas-dinaagde ta’uu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa beeksise.

Ayyaanni Riibaanii Adii Sadarkaa Oromiyaatti Godina Harargee Bahaa Magaalaa Hararitti kabajameera.

Saganticharratti Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Mabraatee Baacaa akka jedhanitti, miidhaa dubartootaafi daa’immanirra ga’u hir’isuuf mootummaan imaammata, qajeelfamootaa fi inisheetiiviiwwan garaagaraa hojiirra oolchuun fooyya’iinsi mul’ateera.

Ta’us, miidhaan dubartootaa fi daa’immanirra ga’u bifa jijjiirrachuun dabalaa jiraachuu yaadachiisanii barmaatileen miidhaa qaqqabsiisan duudhaalee fi amantaa hawaasaa giddugaleeffachuudhaan babal’achaa waan jiruuf xiyyeeffannoo qaamolee dhimmichi ilaallatu barbaada jedhan.

Abbootiin Gadaafi haadholiin Siinqee akkasumas abbootiin amantaa miidhaan dubartootaa fi daa’immanirra ga’u akka hir’atuuf tumsa taasisuu qabu jedhan.

Dubartoonni miliyoona 9.9 waldaaan gurma’aanii akka Oromiyaatti fayyadamtoota hawaas dinaagde ta’u kan ibsan Addee Mabraateen, mirgaa fi nageenya da’immaanii eegasiisuu fi midhaa dubartoota irra gahu hirisuufisa hojjetama jiraachuu himaniiru.

Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aaddee Miskii Mahaammad gama isaaniin kabajamuun guyyichaa midhaan dubartootaa fi daa’immaan irra gahu ittisuuf guyyaa waadaa keenyaa kan itti hareessinuu ta’u qaba jedhan.

Misruu Turiitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment