Finfinnee, Waxabajjii 8, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti dhaabbilee daldalaa kuma 800 ol irratti to’annoo gaggeeffameen dhaabbileen kuma 127 ol seeraan ala ta’uu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksise.
Biirichi sochii daldalaa naannichaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.
Ibsicha kan kennan Ittaanaan Hoggaanaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gooshoo, qaal’iinsa gabaa tasgabeessuuf gabaa sanbataa bakka hundaatti cimsuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Haaluma kanaan gabaan sanbataa magaalotaa fi godinaalee adda addaatti hundaa’uu ibsan.
Dabalataan, sochii koree tasgabbii gabaa ciimsuun seektoota waliin qindoominaan hojjechuun bu’aan olaanaan galmaa’uu Obbo Tasfaayeen eeraniiru.
Naannichatti dhabbilee daldalaa kuma 803 ol irratti to’annoo gaggeeffameen dhaabbileen kuma 127 fi 920 seeraan alaa ta’uu bira gahamuu dubbataniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.