Oromiyaatti dargaggoota miliyoona 2.5’f carraa hojii uumuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC) – Bara baajata 2015’tti Naannoo Oromiyaatti dargaggoota miliyoonaa 2.5’f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa beeksise.

Waltajjiin sosochii carraa hojii uumuu sadarkaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffama Jira.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idiris Naannoo Oromiyaa keessatti waggootan itti aanaan leenjiin ogumma qulqullinarratti xiyyeeffatamuu kan kennamu ta’uu himan.

Bara darbee akka naannichatti dargaggeessa hojii dhabeenyii miliyoona 1.6 olii carran hojii kan uumame ta’uu himanii, bara 2015’tti sadarkaa Naannoo Oromiyaatti dargaggoota miliyoona 2.5 carraa hojii uumuuf karoorfame hojjetamaa jiraachuu himameera.

Akka Obbo Ahimad ibsanitti bara 2015 Birrii biiliyoona 5 hojii dhabdootaaf liqeessuuf karoorfameera.

Waltajjii sosochii kanarratti Sadarkaa Ittaanaa Pireesdaantii Qindeessan Kilaasteera Misooma Magaalaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa dabalatee, hooggantoonni Biiroolee, Itti Aantonni Kantiibota Magaalotaa fi Itti gaafatamtoonni Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Magaalotaa fi Godinootaa argamaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment