Oromiyaatti dargaggoota miliyoona 1.5 leenjii ‘Koodarotaa’ irratti hirmaachisuuf hojjetamaa jiraachuun eerame

Finfinnee, Hagayya 1, 2016 (FBC)-Mootummaan Naannoo Oromiyaa dargaggoota miliyoona 1.5 Inisheetiivii “Koodaroota Itiyoophiyaa” irratti hirmaachisuuf hojjetamaa jiraachuun ibse.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Inisheetiivii leenjii teeknooloojii dijitaalaa lammiilee miiliyoona 5 fayyadamoo taasisuu “Koodaroota Itiyoophiyaa” jedhamu eegalchiisuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan akka Naannoo Oromiyaatti dargaggoota miliyoona 1.5 leenjicharratti hirmaachisuuf hojjetamaa akka jiru beeksiseera.

Dargaggoonni Naannoo Oromiyaas xiyyeeffannoo mootummaan dargaggootaaf kenneen fayyadamtoota ta’uun teknoloojiin of ga’oomsuuf leenjichaaf of qopheessuu akka qaban dhaamamuu ragaan Biiroo Kominikeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Sagantichaa milkeessuufis Ministeerri Innooveshinii fi Teeknooloojii Galmeen Inisheetiivii Koodaroota Itiyoophiyaanota miiliyoona 5, karaa https://www.ethiocoders.et/ akka gaggeeffamu ifoomsuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment