Oromiyaatti danbiin invastimantii fayyaa haaraan hojiirra ooluufi

Finfinnee, Hagayya 6, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa fayyaa foyya’aa mirkaneessuuf danbiin Invastimantii fayyaa haaraan hojiirra ooluuf ta’uun eerame.

Dimmicha ilaalchisuun Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa fi Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiya Obbo Ahimad Idiriis ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsichaan, bu’uura dambichaan, abbootiin qabeenyaa hojiilee invastimantii damee fayyaa irratti bobba’uuf fedhii qaban, lafa waggoota 10-16 kaffaltii liziraarraa bilisaa akka argatan, waggaa 5- 8 gibira irraa bilisaa akka hojjetan kan eeyyamuudha jedhameera.

Dabalataan akka dambii hojiirra ooluuf murtaa’eetti abbootiin qabeenya damicharratti bobba’uuf fedhii argisiisan dorgommii malee akka simataaman eerameera.

Meeshaalee wal’aansaa fayyaa qaraxarraa bilisa akka galchuu danda’an kan eeyyamu ta’uun ibsameera.

Mootummaan naannicha deeggarsa barbaachisaa taasisuuf kutaanoo qabaachuu eeruun, damicharratti abbootiin qabeenyaa hojii invastimantiirrati akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment