Oromiyaatti dameen maanufaakchariingii sharafa alaa Doolaara miliyoona 183 argamsiise-BIIO

Finfinnee, Ebla 15, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti damee indaastirii maanufaakchariingii sharafa alaa Doolaara miliyoona 183 argamsiisuu Biiroo Invastimantii fi Industirii Naannichaa beeksise.

Sagantaan Sosochii Industirii Maanufaakcharingii “Itoophiyaan haa Oomishtu Nutis haa bitannu” jedhu Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.

Saganticharratti Ministir Deetaa Ministeera Indaastirii Obbo Taarraqanyi Bulultaa, Hoogganaa Biiroo Invastimantii fi Indastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis akkasumas Abbootiin qabeenyaa damicharratti hojjatanii fi dhaabbileen misoomaa biroon hirmaataniiru.

Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis, naannichatti Indaastirii manufakchariingi kuma 7 fi 750 hojii invastimantiirratti bobba’an keessa kumni 4 ol guutumaatti gara hojii oomishaatti galaniiru jedhan.

Damichaan sharafa alaa Doolaarri miliyoona 183 argamu dubbatan.

Waltajjii sosochii kanaan rakkoolee damicharratti gama Abbootii qabeenyaan mul’atanii fi mootummaan furamuu qaban adda baasuun bu’aa caalu galmeessisuuf kan kaayyeffate ta’uus ibsan.

Deetaan Ministir Deetaan Ministeera Industirii Obbo Taarraqany Bulultaa gama isaaniitiin bara 2014 erga sosochiin ‘Itoophiyaan haa omishtuu’ eegalee hanqinaaleen Industirii Manufakchariingii irratti mul’atan hedduun furamuun bu’aanis galmaa’eera jedhan.

Gaheen Damichi sharafa biyyaa alaa argamsiisuu, omisha waliigalaa biyyatti guddisuu qabu akkasumas oomisha alaa galan bakka buusuu fi carraa hojii uumuurratti qabu guddisuuf xiyyeeffannoon akka hojjatamu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment