Oromiyaatti dabalataan namoonni 395 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 14, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 395 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 4853 hojjetameen vaayrasichi namoota 395 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti waliigalaa lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 3952 qaqqabeera.

Waliigala Lubbuun namoota 39 darbeera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 89,482 gaggeeffameera.

Nammoonni haaraan 94 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 1255 dandamataniiru.

Namoonni 8 wallansaa cimaa kessaattii argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 2658  ta’uu biirichi ifoomseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment