Oromiyaatti dabalataan namoonni 383 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 383 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 3369 hojjetameen vaayrasichi namoota383 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 5,454 ga’eera.
 
Waliigala Lubbuun namoota 42 darbeera.
 
Nammoonni haaraan 60 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 1581 dandamataniiru.
 
Namoonni 6 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 3811 ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 116,294 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment