Finfinnee, Mudde 15, 2017 (FMC)–Naannoo Oromiyaatti baatiwwan Sadan darbanitti Daandiiwwan Cirrachaa kiloo meetirri Kuma 1 fi 680 ol suphamuu Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Naannichaa ibse.
Hogganaa Itti Aanaa fi Itti Gaafatamaan Damee Suphaa fi Bulchiinsa Qabeenya Daandii Biirichaa Injiinar Mohammad Nuuraa Faanaa Diijitaal Miidiyaaf akka ibsanitti, naannichatti suphaaleen Daandii sadarkaalee garaagaraatti hojjetamaa jira.
Biirichi bara baajataa 2017 daandiiwwan Cirrachaa Kiloomeetira kuma 13 ol suphuuf karoorfate hojjechaa jiraachuu ibsuun, hanga ammaattis daandiiwwan kiloo meetirri kuma 1 fi 680 ol suphamuu dubbataniiru.
Rakkoo qulqullinaa komii hawaasa ta’aa turan furuufis xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Injiinar Mohammad akka jedhanitti suphaan daandiiwwan cirrachaa baajata aanaalee Birrii biiliyoona 1.2 fi baajata Fandii Federaalaa Birrii biiliyoona 7.3 fi Fandii Daandii Naannoon raawwatamaa jira.
Qabeenyi Daandii Naannoo Oromiyaa kiloomeetira kuma 61 ol qaqqabuu ibsanii, biirichi sagantaa waliin gahiinsa daandii baadiyyaa fi suphaa daandiiwwanii yeroo qabame keessatti xumuruuf hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.