Oromiyaatti Buna toonii miiliyoona 1 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2016 (FBC)- Bara kana akka Naannoo Oromiyaatti oomisha bunaa toonii miliyoona 1 fi kuma 150 argachuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Jilli Hoogganaa Ittaanaa Biiroo Qonnaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Bunaa, Muduraa fi Mi’eessituu Obbo Mahaammadsaanii Amiiniin durfamu Godinaa Buunnoo Beddellee Aanaa Cooraatti sassaabbii Bunaa daawwateera.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaattis hanga ammaatti Bunni tooniin kuma 200 ol kan sassaabame ta’uu kan ibsan Obbo Mohaammadsaanii, yeroo ammaa rooba yeroo malee roobaa jiru jalaa bunni sassaabbiif qaqqabe qulqullinaan akka sassaabamu hunduu tumsa taasisuu akka qabus gaafataniiru.

Godina Buunnoo Beddelleettis buna toonii kuma 78 ol sassaabuun toonii kuma 20 ol gabaa addunyaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuun eerameera.

Qonnaan bultoonni godinichaa buna diimate qofa funaanuun qulqullinaan qopheessanii gabaaf akka dhiheessaniif hojiin hubannoo uumuuf hojjetamaa turuun ragaan Biiroo kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment