Oromiyaatti barsiisootaf manneen jireenyaa kuma 5 ol ijaaraman

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan ja’an darbanitti manneen jireenyaa kuma 5 fi 369 barsisootaf ijaaramuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Biirichatti Daayraktarri Qophii Karooraa fi Hordoffii Obbo Hasan Idriis akka ibsanitti, bara bajataa 2016 naannichatti qulqullina barnootaa guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan.

Haaluma kanaan sirna baruuf barsiisuu fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf galteewwan barbaachisan, hojiin qorannoon adda baasuu hojjetama jiraachuus kaasaniiru.

Barsiisootaf haaloota mijatoo uumuuf qaamoolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamuu ibsaniiru.

Baatiiwwaan 6’n darbanitti manneen jireenyaa barsisoota kuma 4 fi 500 ijaaruuf karoorfame, manneen kuma 5 fi 369 ijaaruun, karooraa ol milkeessuun akka danda’ame Obbo Hasan eeraniiru.

Fuulduraattis barsiisootaaf haalota mijatoo uumuun qulqullina barnootaa keessatti gahee isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamuu ta’uu dubbataniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment