Oromiyaatti barnoonni kutaa 8ffaa fi 12ffaan ala Sadaasa 7 ni eegala-Dr Tolaa

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti barnoonni kutaa 8ffaa fi 12ffaan alatti Sadaasa 7 akka eegaluu hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo ibsaniiru.
Dooktar Tolaan miidiyaaleef ibsa lataaniin, sababa COVID -19tiin Bitootessa bara 2012 hanga ammaatti manni barnoota cufaame turuu himaniiru.
Barattoonni miiliyoonni 10.6 ol manatti deebi’aniiru, kunis daa’immanirratti rakkoo xiinsammuu guddaa uumeera jedhan.
keessumaa shamarranii heerumaa yeroo maleef isaan saaxiluu ibsaniiru.
Haala biyyatti giddugaleessa taasisuun barnoota eegaluuf sochiin taasifamaa tureera. koreen dhimma kanaaf sadarkaa olii hanga gadiitti hundaa’ee hojiitti galameera jedhan.
Akka gabaasa Biirii Dhimmota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Dooktar Tolaa Bariisoon, haala baruu barsiisuu milkaa’uuf nageenyi murteessaa waan ta’eef akkasumas jijjiirama biyyaaf gumaachuu irratti leenjiin kennamaa tureera jedhaniiru.
Leenjichis barsiisoota kuma 200 ol ta’aniif laatamu eeraniiru.
Barattoota haaraa kutaa 8ffaa fi12ffaan ala barnoonni sadaasa 7 kan jalqabamu ta’uu isaa ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
Comments (0)
Add Comment