Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2016 fudhatan keessaa barattootni kumni 23 fi 817 sagantaa fooyyessa dandeettii (Remedial Program)’f darbaniiru.
Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa barattoota bara 2016 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qorsiisan keessaa barattoota 3.5% Yunivarsiitiif yoo dabarsan, barattoota 9.8% ammoo sagantaa fooyyessa dandeettiif dabarsuu Biiroon barnootaa naannichaa beeksiseera.
Barattootni kumni 8 fi 520 qabxii qormaataa 50fi ol fiduun Yuunivarsiitii galanii sagantaa idileetiin kan baratan yoo ta’u, barattootni kumni 23 fi 817 qabxii qormaata 50% gadi fidan immoo sagantaa fooyyessa dandeettiin waggaa tokkoof barachuuf darbaniiru.
Walumaa galatti sagantaa idileefi sagantaa fooyyessa danfeettiin barattootni kumni 32 fi 337 (13.3%) Yuunivarsiitiif darbuu himeera.
#Oromia #Ethiopia