Finfinnee, Hagayya 16, 2014(FBC) – Oromiyaatti bara kana barattoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 61fi 896 qormaata seensa Yuunifarsiitii kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Naannoo oromiyaatti xiyyeeffannoon barnootaaf kennamee hojjetamaa jiraachuufi, qabxiin seensa Yuuniversiitii barattoonni naannichaa galmeessaanis bara baraan dabalaa jiraachuu eerameera.
Bara kana Oromiyaatti barattoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 61fi 896 qormaata seensa Yuuniiversiitii kutaa 12 fudhachuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsameera.
Qormaatichi barattoota Saayinsii Hawaasaa barataniif Fulbaana 30/2015 – Onkoloolessa 3/2015tti kan kennamu ta’uu eerameera.
Barattoota Saayinsi Uumamaa barataniif ammoo Onkololessa 8-11/2015tti kan laatamu ta’uu biirichatti Daariktoreetii Madaallii Barachuu Barattootaafi Bulchiinsa Qoruumsaa Obbo Huseen Qaasim ibsuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.