Oromiyaatti bara oomishichaaf lafa qotamuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 4.8 ol qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Oromiyaatti bara oomishaa 2014/15 lafa qotamuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 4.8 ol qophaa’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiseera.
Qonna Gannaa bara kanaan lafa hektaara miiliyoona 6, kuma dhibba 3 fi miiliyoona 9 fi 708 misoomsuuf karoorfame keessaa, lafti hektaarri miiliyoonni 4 kumni dhibbi 8 fi kumni 59 fi 850 (%72) hanga ammatti qophaa’uu biirichi ibseera.
Lafa hektaara miiliyoona 6.3 misoomu keessaa, hektaarri miiliyoona 4.5 kilaasteraa fi mekaanaayizeeshiniin deeggaruun misoomsuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun himaniiru.
Lafa qophaa’e keessaa hektaarri miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 87 fi 495 (%36) tiraaktaraan kan qotame ta’uu Obbo Geetuun ibsaniiru.
Xaa’oo kuntaala miiliyoona 6 fi kuma dhibba 3 fi kuma 11 fi 902 dhiheessuuf karoorfame keessaa, kuntaalli miiliyoonni 5 kumni dhibbi 6 fi kumni 92 fi 574 dhiyaachuu himaniiru.
Kuntaalli miiliyoonni 2 kumni dhibbi 6 fi kumni 55 fi 142 hanga ammaatti rabsamuus ibsaniiru.
Sanyii filatamaan kuntaalli kumni dhibbi 2 fi kumni 61 fi 748 hanga ammaatti dhihaachuus Obbo Geetuun himuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarra argame ni muldhisa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment