Oromiyaatti bara kana lafti hektaarri kumni 3 fi 300 qamadii jallisii boneetin misoomaa jira

Finfinnee, Bitootessa 4, 2012 (FBC) – Lafti heektaarri 200 godina Shawaa Kibba Lixaa, aanaa Sadan Sooddootti jallisii boneetin misoomaa jira.

Naannoo Oromiyaatti bara kana lafti hektaarri kumni 3 fi 300 qamadii jallisii boneetin misoomaa jira.

Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Naannoo Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen, Inistiityuutii Qorannoo Qonnaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Sadan Sooddoo ganda Tolee Wosarbootti qamadiin jallisii boneetin misoomaa jiru daawwatameera.

Aanichatti lafti hektaarri 200 misoomeera.

Godinichatti lafa hektaara 600 misoomsuuf karoorfamee, lafti hektaarri 530 kan misoome yoo ta’u, callaa kuntaalli kumni 27 ni eegama jedhameera.

Hoji eegalame babal’isuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu obbo Dhaabaan daawwicharratti ibsaniiru.

Giddugaleessan hektaara tokkorraa callaa kuntaala 40 oomishuuf hojjetamaa jiraachuu daayreektarri olaanaa Inistiityuutii Qorannoo Qonna Oromiyaa Dooktar Faatoo Ismoon himuu biirichi beeksiseera.

 

Comments (0)
Add Comment