Oromiyaatti bara kana lafa heektaara miiliyoona 2.5 Jallisii Boneen Qamadii misoomsuuf hojjetamaa jira – BQO

Finfinnee, Fulbaana 8, 2016 (FBC) – Oromiyaatti bara kana lafa heektaara miiliyoona 2.5 Jallisii Boneen Qamadii misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Leenjiin sosochii misooma qamadii Bonaa bara 2016 godina Jimmaatti kennamuu eegaleera.

Naannichatti bara lafa hektaara miiliyoona 2.5 ol jallisii Boneen Qamadii misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Itti aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Qonnaa Obbo Bariisoo Fayyisaan ibsaniiru.

Godina Jimmaatti misooma qamadii Bonaa bara 2016tiin lafa Hektaara kuma 455 fi 880 Aanaalee 20 keessatti misoomsuuf karoorfamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Maammed Xahaa Abbaa Fiixaan ibsaniiru.

Karoora xiiqii misooma qamadii Bonaatiin qabame milkeessuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jiraachuu Obbo Bariisoon ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment