Oromiyaatti bara kana biqiltuu Paappayaa sanyii filatamaa miiliyoona 1.6 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara kana biqiltuu Paappayaa sanyii filatamaa miliyoona 1.6 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jira.

Karoora qabame kana milkeessuufis biqiltuu Papayyaa sanyii filatamaa dhaabbii kilaastaraaf oolu buufata biqiltuu irratti qophaa’aa jiraachuu Itti Aanaan Hoog.fi Itti Gaafatamaa Damee Bunaa fi Muduraa BQO Obbo Mohaammedsaanii Amiin ibsaniiru.

Biqiltuun Paappayaa sanyii filatamaa tahe kunis yeroo ammaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa keessaatti ”Green House” qulqullina olaanaa qabuun qophaaa’aa jira.

Dhaabbiin biqiltuu Paappayaa sanyii filataamaa kanaa lafa hektaara 700 ga’u irratti kilaastaraan akka dhaabamu eeramuu ragaan waajjira preezdaantii naannoo Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment