Oromiyaatti bara 2016tti namoonni miiliyoona 2 ol dhibee Busaan qabamuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara 2016tti namoonni miiliyoona 5.3 dhibee Busaa qorataman keessaa namoonni miiliyoonni 2 ol dhibichaan qabamuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.
Biirichi dhibee daddarboofi daddarboo hin taane to’achuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Biirichi hojiilee dhibee daddarboo fi daddarboo hin taane to’achuuf hojjietamaa jiru ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kenneera.
Hoggannaa Ittanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Tasfaayee Kibaabawu ibsa miidiyaaleef kennaniin, hawaasni tajaajila fayyaa baasii guddaaf osoo hin saaxilamiin inshuraansii fayyaa hawaasaa, tajaajila bilisaafi tajaajila balaa tasaa mudatuuf argachaa turuu ibsaniiru.
Dhibeen Gifiraa talaalliin kan to’atamu ta’uu isaan , godinaalee Oromiyaa 20 keessatti argamuu fi aanaalee 164 keessaa to’atamuu eeraniiru.
Talaalliin Gifiraas marsaa 1ffaa aanaalee 19f kan kenname yoo ta’uu, marsaa 2ffaan ammoo aanaalee 20 keessatti kennamaa jiraachuuu kaasaniiru.
Weerara dhibee Busaaf sababni guddaan jijjiirama qilleensaa, hanqina faayinaansii, jijjiiramu gosa Bookee busaafi rakkoo namtolchee ta’uu Dooktar Tasfaayeen himaniiru.
Dhibicha to’achuuf keemikaalli farra Bookee Busaa biifamuu fi agoobarri miiliyoonni 12 waggoottan sadan darban rabsamuu ragaan BKO Irraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment