Oromiyaatti baniinsi manneen barnootaa yeroo hin murtoofnef dheereffame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC)  – Oromiyaatti baniinsi manneen barnootaa yeroo hin murtoofnef dheereffame.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa “COVID-19” booda manneen barnootaa Sadaasa 7, 2013 kan banaman ta’uu ibsuun isaa ni yaadatama.

Yaa ta’u malee duub-deebii ummata biraa argachaa jiruun qophiin “COVID -19” irratti jiru ga’aa akka hin taane ibsaa jiru jedheera.

Kanuma irratti hundaa’uun baniinsi manneen barnootaa yeroo hin murtaa’iniif akka dheereffamu murtaa’uu beeksiseera.

Yoom akka banamanis fulduratti kan beeksisu ta’uu yaadachiisera.

Barnoonni kutaa 8ffaa fi kutaa 12ffaa garuu haaluma jalqabeen itti fufa jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment