Oromiyaatti baatiwwan Jahan darban Tuurizimiirraa galiin Birriin biiliyoonni 29 ol argame

Finfinnee, Mudde 30, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti baatiwwan jahan darban Misooma Tuurizimiirra galiin Birriin biiliyoonni 29 ol argamuu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii naannichaa ibse.

Biirichi qabeenya Tuurizimii Naannoo Oromiyaa beeksisuuf hojiilee hedduu hojjechaa Jiraachuu biirichatti Daayrektarri Misoomaa fi Piromooshinii Turiziimii Obbo Faantaahuun Taddaasaan Faanaa Diijitaal Miidiyaaf himaniiru.

Bakkeewwan hawwata Turistootaa misoomsuu, daawwattootaaf haala mijataa taasiisuu fi beeksisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus Obbo Faantaahuun kaasaniiru.

Haaluma kanaan baatiiwwan jahan darban hojiilee hojjetamaniin naannichatti yaa’insa Tuuristiirraa galii Birrii biiliyoona 31 walitti qabuuf karoorfamee, Birrii biiliyoonni 29 ol walitti qabaamuu Obbo Faantaahuun dubbataniiru.

Lammiileen biyyaa keessaa miiliyoonni 11 naannicha bakkeewwan garaagaraa daawwachuus himaniiru.

Akkasumas Lammiileen biyya alaa kuma 100 ol bakkeewwan hawwata Tuurizimii Oromiyaa keessatti argaman daawwachuu himaniiru.

Biirichi hawwatummaa Tuurizimii naannichaa caalmaatti guddisuuf cichoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo amma bakkeewwan hawwata Tuurizimii 76’f bu’uuraaleen misoomaa barbaachiisoon guutamuu Obbo Faantaahuun himaniiru.

Eekkoo Tuurizimiirrattis Hojiileen jajjabeeffaman hojjetamuu ibsaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment