Oromiyaatti baatiwwan Jahaan darban damee Turizimiirraa galiin Birriin biiliyoonni 25 argame

Finfinnee, Amajjii 18, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti baatiwwan Jahaan darban damee Turizimiirraa galiin Birriin biiliyoonni 25 argamuu Biiroon Aadaa fi Turizimii naannichaa beeksiseera.

Naannichatti iddoolee hawwata turizimii hawwataa taasiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Daayrektaraa Karooraa fi Hordoffii Obbo Olaanaa Tashoomaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Baatiwwan jahaan darban keessa daawwattoonni biyya alaa kumni 139 fi kan biyya keessaa hedduun iddoolee hawwata Turizimii naannichaa daawwachuu himaniiru.

Waliigala tajaajila Turizimiirraa galiin Birriin biiliyoonni 25 ol argamuu Obbo Olaanaan eeraniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment