Oromiyaatti baatiiwwan jahan darban lammiilee miiliyoona 1.6 carraan hojii umamame

Finfinnee, Guraandhala 5, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaattii baatiwwan jahan darban lammiilee miiliyoona 1.64 ‘f carraan hojii Dhaabbii uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa naannicha beeksise.

Biirichi gamaaggama raawwii kurmaana 2ffaa magaalaa Adaamaatti gaggeessera.

Oromiyaatti carraa hojii bal’inaan uumuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa turu Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Injinar Eebba Garbaan ibsaniiru.

Baatiwwaan jahan darban lammiilee miiliyoona 1.64 ‘f carraan hojii Dhaabbii umamuu Itti Aanaa Hogganaan biiricha Obbo Waasihuun Golgaan dubbataniiru.

Horsiisa Kanniisaa, Misooma Aannaniifi Foonii akkasumas kunuunsa qabeenyaa uumamaarratti carraan hojii kun uumamuu Obbo Waasihuun himaniiru.

Gama biroon Sheediiwwan kumni 8 waldalee Intarpiraayizii garaagarraaf darbuu ibsameera.

Birriin biiliyoonni 1.8 liiqiin kennamuu Obbo Waasihuun ibsu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment