Finfinnee, Amajjii 26 ,2015 (FBC)- Oromiyaatti baatiiwwan 6 darbanitti hojii dhabdoota miiliyoona 1fi kuma 45 oliif carraan hojii dhaabbiin uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa ibse.
Oromiyaatti bara kana hojii dhabdoota miiliyoona 2.5’f carraa hojii uumuuf karoorfamee hanga ammaatti hojii dhabdoota miiliyoona 1fi kuma 45 oliif carraan hojii dhaabbii uumamuu Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaatti Daayrektarri Carraa Hojii Uumuu Baadiyyaa obbo Taakkalaa Beenyaan Faanaa Broodkaastiinig Korporeetitti himaniiru.
Akka naannichaatti hojii dhabdoonni miiliyoona 6 ta’an jiraachuus kasaniiru.
Rakkoon hojii dhabdummaa akka addunyaattis ta’e akka biyyattiitti kan jiru ta’uu eeruun, rakkicha furuuf tumsa qaamolee hundaa kan gaafatu ta’uu ibsaniiru.
Dandeettii carraa hojii jiru haala kamiin itti fayyadamuun danda’ama kan jedhu mana maree naannichaan ilaalamuufi dandeettii yookaan pooteenshiyaalli carraa hojii miiliyoonni 2.8 qoratamee adda bahuu eeraniiru.
Bu’aa qabeessummaafi itti fufiinsi carraa hojii sadarkaa godinaa hanga aanaatti qoratamee haala dargaggoonni fayyadamoo ta’uu danda’anirratti hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Rakkoo hojii dhabdummaa naannichaa furuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.