Oromiyaatti albuuda gabaa alaaf dhiyaaturraa galii Doolaara miiliyoona 636.5 argachuuf karoorfamuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 7, 2016 (FBC)-Oromiyaatti seeraa alummaa damee albuudaa maksuun albuuda gati jabeeyyii garaagaraa gabaa alaaf dhiyeessuun galiin Doolaara miiliyoona 636.5 argachuuf karoorfamuun ibsame.

Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaan miidiyaaleef ibsa kennaniin, karoora xiiqii bara 2017’n dameewwan misooma Qonnaa, Albuuda, Turiizimii, Teeknoloojii Odeeffannoo fi Indaastirii manufakturiingii ammayyeessuun galmaan ga’uuf kan hojjetamu ta’uu eeran.

Bara 2017’n lafa hektaara miliyoona 10.9 rooba Gannaan misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 337 argachuuf karoorfamuuu eeraniiru.

Inisheetiivii misooma Qamadii waqtii Bonaan lafa hektaara miiliyoona 4 misoomsuun omisha kuntaala miiliyoona 163.5 walitti qabuuf karoorfameera jedhan.

Makkanaayizeshinii qonnaan tiraaktaroota haaraa kuma 1 fi 150 fi Kombaayineroota 50 dhiyeessuuf karoorfamuu dubbatan.

Seeraa alummaa damee albuudaa ittisuun albuudaalee gati jabeeyyii garaagaraa gabaa alaaf dhiyeesuunis galii Doolaara miliyoona 636.5 fi gabaa biyya keessaaf kan dhiyaatu irraa ammoo Birrii biiliyoona 2.5 argachuuf karoorfameera jedhan.

Pirojeektoota invastimantii haaraa kuma 30 ta’anii fi kaappitaala Birrii biliyoona 200 ol galmeessisan akka simataman eeraniiru.

Lammiileen miiliyoona 3.4’fis carraan hojii dhaabbiifi yeroon uumuuf karoorfameera jedhan.

Gama pirojektootaa misoomaanis Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 5, Manneen jireenyaa barsiisota kuma 8 fi 400 ol baadiyyatti akka ijaraman dubbatanii, pirojektoonni bishaan dhugaatii kuma 9 fi 100 ol Birri biiliyoona 11.2’n akka ijaaraman kaasaniiru.

Barattoota miliyoona 10.1 sagantaa nyaataa baratootaan fayyadamoo taasisuu, miseensota Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa miliyoona 29.5’tti guddisuuf kan hojjetamu ta’uu akeekaniiru.

Tajaajila Lammummaa hojiileen Birrii biliyoona 300’tti tilmaamaman kan hojjetamanii dubbatanii, keessumaa miseensota Buusaa Gonofaa miliyoona 30’tti ol guddisuuf akka hojjetamu ibsaniiru.

Karoora xiiqii bara 2017 milkeessuuf nageenyi murteessa ta’uu kan dubbatan Obbo Isheetuun humnoonni hidhatanii bosona jiraniif balbala nagaafi araaraa banametti akka fayyadaman waamichaa dhiyeessaniiru.

Kanneen daandii nagaa cinatti dhiisanii ummata dararan irrattis tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu eegalame cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment