Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti Adoolessa 6, 2013 aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 50 dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu – Biiroon Qonnaa fi Qabeenyaa Uumamaa Oromiyaa beeksiise.
Naannoo Oromiyaatti guyyaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magaariisaa Adoolessa 6, 2013 biqiltuu miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 50 dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu hogganaan obbo Dhabaa Dabalee himaniiru.
Guyyaa kanatti qaamoleen hawaasaa hundi akkuma waggoota lamaan darbanii tokkummadhaan ba’uun seenaa haaraa dabalataa galmeessisuuf dirqama lammummaa isaanii akka ba’an gaafachuu isaanii Ragaan Biiricharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.