Oromiyaatti Abbootiin qabeenyaa haaraa kaappitaala Birrii biiliyoona 186 ol galmeessaniif eeyyamni kenname

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti Abbootiin qabeenyaa haaraa kaappitaala Birrii biiliyoona 186 ol galmeessaniif eeyyama kennamuu Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa beeksise.

Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis ibsa kennaniin abbootii qabeenyaa kuma 3 fi 600 ol Kaappitaala Birrii biiliyoona 186 galmeessanii eeyyamni kennamuu ibsan.

Kanneen eeyyama argatan keessaa babal’ifannaa invastimantii kanneen gaafatan 92, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa gara invastimantiitti ce’an kuma 1 fi 502, yuuniyenoota 47 fi intarpiraayizoota ce’an 280 fi abbootii qabeenyaa dhuunfaa biyya keessaa fi diiyaaspooraawwan kuma 1 fi 680 ta’uu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Abbootiin qabeenyaa kunneen wayita humna guutuun hojiitti seenaan lammiilee kuma 679 oliif carraa hojii ni uumu jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment