Oromiyaan sirreeffamtoota 13,231f dhiifama godhe

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012(FBC) -Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan sirreeffamtoota 13,231f dhiifama godhan.

Heerri mootummaa naannoo Oromiyaa keewwanni 57/3/1 fi sirni dhiifamaa 114/98 akka qajeelchutti obbo Shimallis Abdiisaan sirreeffamtoonni 13,231 dhiifamaan akka gadi lakkifaman murteessaniiru.

Sirreeffamtoonni kanneen haala yeroo weerara dhibee vaayrasii koronaa (COVID-19) sababeeffachuudhani akka gadi lakkifaman kan murtaa’e.

Sirreeffamtoonni hawaasa waliin naamusa gaariidhaan akka jiraatan, yeroo rakkoo kanatti hawaasa akka tajaajilan, hubannoo fi muuxannoo qabaniin hojii mara keessatti akka hirmaatantu eegama.

Dabalataanis, sirreeffamtoonni yakka kamuu keessatti deebi’anii kan hirmaatan yoo ta’e dhiifamni kenname kun haalduree tokko malee kan irraa kaafamuu fi itti gaafatamummaa seeraatiif kan dhiyaatan ta’uunis himameera.

Sirreeffamtoonni dhiifamni taasifameef dhiira 12,533 fi dubartoota 6,98.

Comments (0)
Add Comment