Oromiyaan hojii weerara vaayrasii koroonaa ittisuu gamaaggame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa hojii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf amma ammaatti hojjetame gamaaggame.
 
Naannoo Oromiyaatti qorannoo hanga ammaatti taasifameen samuuda 2,144 fudhatame keessaa namoota 16 irratti vaayrasiin koronaa kan argame yoota’u, 9 dandamachun 1, immoo lubbuun kan darbe ta’uu galmaa’eera.
 
Koreen taask forsii ittisa dhibee koronaa naannoo Oromiyaa bakka preezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan argamanitti gamaaggama taasiseera.
 
Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii dabalaa dhufuu isaatin hojiin ittisaa fi of eeggannaa cimee akka iti fufu dhaamameera.
 
Namoota tuttuqqii qaban adda baasun hojjetamaa jiraatus, lakkoofsi warreen dhokatanii daangaa cee’uun adda of hin baasne dabalaa dhufuun ibsameera.
 
Soomaaliyaadhaa fi Keeniyaadhaa gara biyyaa kan seenan ummatatti dabalamaa jiraachun eerameera.
 
Qophiin laabraatoorii qorannaa fi tursa addaa haala gaarirra jiraatus, hanqinni meeshaalee ittisaa ogeeyyiin fayyaa fayyadaman akka hin mudanne hojjetamuu qaba jedhameera.
 
Oomisha dhoksuu fi gatii dabaluun akka muul’ate, geejibarratti imala halkanii hambisuuf hojjetamuu akka qabu eerameera.
 
Hojiin tola oolmaa fi lammummaa haala gaariin hojjetamaa jiraachuu fi abbootiin qabeenyaa tumsa taasisuunis ibsameera.
 
Sadarkaa itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessan kilaastara hawaasummaa fi walitti qabaan koree taask foorsii obbo Addisuu Araggaan akka himanitti hanga ammaatti hojii hubannoo uumuu mana manatti taasifameen namoota miiliyoona 33.5 bira ga’uun danda’ameera.
 
Hoospitaalli 22 ittisa dhibee koronaa vaayresii irratti xiyyeeffannoo gochuun hojjachaa jiraachus himaniiru.
 
Of eeggannoo taasisuurratti sochiin gaarin jiraatus, iddoo tokko tokkotti hanqinnni bal’aa fi of dagannaan kan jiru ta’uu korichi ibseera.
 
Dhaabbileen gurguddoon kuma 44 ol iddoo dhiqannaa bishaanii kan qopheeffatan ta’uu koreen kun ibseera.
 
Abbaan warraa miiliyoonni 1.5 bishaan dhiqannaa harkaa qopheeffataniiru.
 
Wiirtuun laabraatorii 5 Adaama, Haramaayaa, Yunvarsiitii Arsii, Jimmaa fi Naqamteetti tajaajila qorannaa laachaa jiru.
 
Wiirtun 3 immoo yeroo dhiyoo keessatti hojii kan jalqaban ta’uun ibsameera.
 
Wiirtuun tursiisaa 370 kan siree kuma 20 ol qabachuu danda’u qophaa’uus gabaasa koree taask foorsii kanarraa hubachuun danda’ameera.
 
Dhoorkaan labsii ariifachiisaa haala gaariin hojiirra oolaa jiraachuunis gamaaggamameera.
 
Magaalaa Baatuu, Sabbataa, Adaama fi Jimmaan iddoo shakamtoonni itti baay’atan akka ta’e gabaasichaan eerameera.
 
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
 
Haabtaamuu T/sillaasetu gabaase.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment