Finfinnee, Mudde 21, 2017 (FMC) –Oromiyaan haala qilleensaafi teessuma lafaa mijatoo qabaachuun ishee wiirtuu qabeenya bishaanii taasiseera jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Oromiyaan haala qilleensaafi teessuma lafaa mijatoo qabaachun ishee wiirtuu qabeenya bishaanii taasiseera. Haata’u malee, xiyyeeffannoon hangaftoota (elites) siyaas-dinagdee ishee falmii laallee (ideology) malee hojii qabatamaa hawaasa jijjiiru waan hinturreef, kennaa bishaanii kana ija banatanii osoo hinilaalin baroonni hedduun lakkaa’amaniiru. Kunis rakkinoonni hawaas-dinagdee ummata keenyaa daran hammaataa akka ittifufan taasisee jira.
Mootummaan Jijjiiramaa keenya qaawwa kana duuchuu irratti bishaan hogganuun dhimma ijoo ta’uu hubachuun tarkaanfii gurguddaa fudhatee jira. Bu’uuruma kanaan, qonna naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun, jiruufi jireenya qonnaafi horsiisee bulaa jijjiiruu, jedhees cehumsa hawaas-dinagdee dhugoomsuuf, waggoota afran darban, inisheetivootafi pirojektoota bishaanii sadarkaa maatii irraa hanga bajata olaanoo qaban babaldhisuu irratti argama.
Mootummaan gulantaa sadiin bishaan hogganuuf karoora qabatee socho’aa jira. Tokkoffaa, ummanni keenya sadarkaa maatitti akka bishaan qabatu karoorfamee hojjatamaa jira. Kunis boolla qopheessuu, laga irratti kuusa (storage) tolchuu, bishaan bokkaa cimmisuu dabalata. Lammaffaa, gahee mootummaan bulchiinsafi ittifayyadama bishaanii ilaalchisee hawaasa biratti bahatu kan ilaallatuudha. Mootummaan iskiimota dullooman dafee suphuu, haala giddu-seentummmaan barbaachisutti gama eksiteenshiniitin sochoosuu, boolla bishaan dabalataa hojjechuu, gahumsa burqituuwwanii guddisuu, qoteefi horsiisee bulaaf dhiyeessii paampii mijeessufi hojiirra oolmaa qajeelfamaa gahumsaan hordofuu dabalata. Inni sadaffaan, sochiilee baldhaa pirojektoota Finnaafi jallisii olaanoo adda addaa babal’isuu kan dabalatuudha.
Kanarraa ka’uun, hongeefi gogiinsa irra deddeebiin ummata keenya beelaaf saaxilu qolachuufi rakkoo dinagdee keenyatti furmaata waaraa tolchuuf mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo olaanan Pirojektota Finnaa/hidhaafi Jallisii godinaalee Oromiyaa garaagaraatti hojjechuu irratti argama.
Pirojektiiwwan Finnaafi jallisii hojjatamanii tajaajilaaf banaa ta’aniifi ijaarsarra jiran yoo ilaalle: Pirojektoota Finnaa 73 ijaarsa keessa galan kessaa kan bara darbee xumuraman 22 yoota’an, bara kana amma kurmaana tokkooffatti 17 xumuramanii tajaajilaaf gahaniiru. Pirojektoonni kunniin humna guutuun hojiitti yeroo galan, abbootii warraa 15,082 fayyadamaa kan taasisanidha.
Gama pirojektoota jallisiitiin, pirojektoonni gurguddaa 2 ijaarsi isaanii %50.55 irra kan gahe yoota’u, yeroo xumuramanitti lafa hekt. 7,050 kan misoomsuu danda’aniifi abbootii warraa 20,100 fayyadamaa kan taasisaniidha. Sadarkaa giddugalessatiin, pirojektoonni 10 ijaarsi isaanii %58.47 irra kan gahe yoota’u, abbootii warraa 14,320 ol fayyadamoo taasisuuf humna kan qabaniidha. Akkasumas, pirojektoonni jallisii xixiqqaa 73 ijaarsi isaanii %54.37 irra kan gaheefi, yeroo raawwatetti abbootii warraa 6,987 fayyadamoo kan taasisaniidha. Bara 2016 qofa, pirojektoota Finnaa dabalatee, pirojektoonni jallisii 135 birrii bil. 4.7 oliin guutuu Oromiyaatti hojjetamaa turan xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru. Adeemsa kanaan jijjiirama qabatamaa argamsiisuu irratti argamna. Agarsiiftuu tokko yoofudhanne, waggoota jaha (06) dura uwwisni misooma qamadii bonee keenya hekt. kuma 9 kan hincaalle yoota’u, bara kana (2017) lafa hkt. mil. 4 oliin gahuuf karoorsinee hojjetaa jirra.
Bara kanas bajata Mootummaa Naannoo keenyaa birrii bil. 18.340 oliin pirojektoota 102 hojjisiisaa kan jirru yoota’u, ijaarsi isaanii ammatti %55 irratti argama. Pirojektoonni kunniin yeroo hojiitti galan abbootii warraa 108,232 fayyadamoo kan taasisuudha. Walumaagalatti, abjuun Mootummaa Badhaadhinaa kana booda bishaan gaarreewwan baddaa Oromiyaatii yaa’aan hurufaafi sululoota gammoojjii keenyaa akka sooran qopheessudha; rakkinoota hawaas-dinagdee hangaawanitti furmaata waaraa tolchuun galma badhaadhinaatti bahuudha.
Dhumarrattis, hoggansi hundi bishaan sirnaan hogganamnan ce’uumsa qonna biyya keenya dhugoomsuu keessatti gahee bakka hinbuune kan qabu ta’uu hubatee inisheetivoota bocamanifi pirojektoota gama kanaan jiran ariitiifi qulqullina barbaadamuun akka raawwataman amanamummaafi xiiqiidhaan hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinne akka taasisu dhaamun barbaada.
#Oromiyaa #Ethiopia