Oromiyaan giddugala hawwata turizimii gosa hundaan kan badhaatedha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 17, 2016 (FBC) –Oromiyaan giddugala hawwata turizimii gosa hundaan kan badhaatedha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Qabeenya umamaa heddu, hangaatuu seenaafi gola aadaa dilbiiti. Haata’u malee, leecalloowwaan kunneen adeemsa keessa sababoota garaagaraatiin dagannaaf saaxilamanii jiru. Har’allee mancaatiin qabeenya umamaa ni mul’ata. Gama biraatiin, aadaa kunuunsa qabeenya umamaa sirna duudhaa irraa maddu qabachuun, umama tiksuun hawaasicha biratti guutumatti hindagatamne. Kanaaf ammoo ummanni Baalee fakkeenya hangafaati. Paarkii Biyyaalessa Gaarren Baalee, bu’aa kunuunsaafi kennaa addaa ummanni keenya addunyaaf laate keessaa isa tokko.

Xiyyeeffannaa addaa mootummaan dhimma kanaaf kennaa jiruun aadaan kunuunsa qabeenya umamaa iddoo isaatti deebi’uu irratti argama. Ummanni keenyas qaamni alaalaa birmatee mancaatii jiru dhaabsisu akka hinjirre hubatee abukaatoofi wardiyyaa qabeenya umamaa ta’uu irratti argama.

Mootummaan gama isaatiin dursa sektara kanaaf kennaa jiruun piroojektoota gurguddoo fayidaa hawaasa keenyaa kabachiisan milkeessutti jira. Jalqabbii gama kanaan jiru finiinsuun, fayyadamummaa ummata keenyaa qabatamaan dhugoomsuuf eenyumtuu tumsa isarraa eegamu akka taasisu dhaamuun barbaada!

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment