Oromiyaan fakkeenya badhaadhinaa naannolee fi utubaa Itiyoophiyaa akka taatuuf hojjechaa jirra-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Oromiyaan fakkeenya badhaadhinaa naannolee fi utubaa Itiyoophiyaa akka taatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin naannoo oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Obbo Shimallis Gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, akka biyyaattis ta’ee akka Naannoo Oromiyaattii diinagdee keenyarratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf hojii bal’aa eegalleerra jedhan.

Tarkaanfileen fudhannes jijjiirama qabatamaa argamsiisuu akka eegalan himanii, humni oomishaa guddaan akka biyyaattis ta’e akka naannootti qabnu qonnaa ta’uu kaasaniiru.

Humna oomishaa olaanaa fi utubaa diinagdee biyya keenyaa qonna mala baratame keessaa baasuun, damichaan milkaa’ina olaanaa argamsiisuuf, makkaanaayizeeshinii cimsuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jirus yaadachiisan.

Gama biraatiin, inisheetiivota garagaraa bocuun damee kana ammayyeessuuf hojiilee bal’aan eegallee jirra jedhaniiru.

Galma barbaadame gahuuf, misoomni qonnaa keenya saffisa, baay’inaa fi qulqullina fooyya’aan hojjatamuu qaba kan jedhan Pireezidaanti Shimallis, milkaa’inoota argamaa jiran cimsinee itti fufsiisuun, Oromiyaa fakkeenya badhaadhinaa naannolee fi utubaa Itiyoophiyaa akka taatuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu akeekaniiru.

Hojiin Oomisha qonnaa guddisurratti hojjennu, guddina indastirii fi manufaakcharingiif bu’uura ta’uun dagatamuu akka hinqabne hubachiisaniiru.

Guyyaa Oomishtummaa maalummaa oomishtummaa fi Oomishtoonnis badhaadhina biyyaa keessatti gumaacha qaban irratti hubannoo uumuu fi qaamolee dhamaatii isaaniin qabeenya horatan jajjabeessuun kabajuu himan.

Biyyi keenya qabeenya uumamaatiin badhaatee osoo jirtuu, hiyyummaa fi gadadoo keessatti kufuun, seenaa qaanfachiisaa, dhaloonni kun falmee hojii fi beekumsaan jijjiiruuf, baay’ina, qulqullinaa fi ariitiin oomishuu qabna jedhan.

Hojiilee guguddoo waadaa galle itti fufsiisuu fi fooyyessuun waggaa har’aatti jijjiirama caalu ni galmeessinas jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment