Oromiyaan dhaabbilee daldalaa seeraan ala daballii gatii taasisan 1,085 irratti tarkaanfii fudhate

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa dhaabbilee daldalaa seeraan ala daballii gatii taasisan 1,085 irratti tarkaanfii fudhate.

Dhaabbileen kanneen tamsa’ina vaayrasii koroonaa sababeeffachuudhan gatii madaalawaadhan hawaasaf tajajaila laachuu osoo qabanii, daballii seeran alaa taasisaniiru.

Dhaabbileen daldalaa 1,085 kan saamsaman yammuu ta’u, daldaltoonni 13 seeraf dhiyaataniiru.

Naannichatti vaayrasicha ittisuuf koreen sadarkaa sadarkaadhan hundaa’ee hojjechaa jiraachun ibsameera.

Hubannaa hawaasaa cimsuufis hojjetamaa jira.

Daldaltoota seeraan ala daballii gatii taasisan irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee kan itti fufu ta’as jedhameera.

Hawaasnis deeggarsaa fi tumsa akka taasisu mootummaan gaafateera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment