Oromiyaa rakkootti kenna tajaajilaa madda komii hawaasaa turee fi ammas rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa jiru furuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo kenna tajaajilaa madda komii hawaasaa ta’ee turee fi ammas rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa jiru furuuf hojjechaa jiraachuu Itti Aanaan Pireezidaantii naannichaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.

Biiroon Pabliik Saarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Bu’aa Qorannoo Kenna Tajaajilaa Sadarkaa Naannootti gaggeessee irraa argate bakka Obbo Awwaluu Abdii, hoggantooonni Seektaroota, Biiroofi hoggansi damee misooma namaa Biiroo fi Waajjiroota garagaraa argamanitti dhiheessuun irratti mari’atameera.

Biiroon Pabliik Saarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa qorannoo gaggeesseen gaaffii ummanni waggootaaf gaafachaa tureefi deebii kenname ka’uumsa qorannoo taasisuun itti quufinsi kenna tajaajila Mootummaa sadarkaa bulchiinsa gandaatii hanga naannootti maal akka fakkaatu hubachuufi xiinxaluuf yaaliin kan taasifamee ta’uu ibseera.

Seektaroota murteessoo ta’an irratti qorannoon gadii fageenya qabu gaggeeffamuus ibseera.

Bu’aa qorannoo argame irratti qooda fudhattoota waliin mari’achuunifi kallattii sirreeffamaa kaa’uun barbaachisaa ta’uu isaatiin waltajjiin qooda fudhattoota hirmaaachise waajjira Pireezidaantiitti gaggeeffameera.

Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo kenna tajaajilaa madda komii hawaasaa ta’ee turefi ammas rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa jiru furuuf mootummaan naannichaa waggoottan darban hojiilee gara garaa hojjechaa turuu eeraniiru.

Fedhii bal’aa tajaajila irratti yeroodha yerootti guddachaa deemaa jiru waliin, ammas hojiin hojjetamaa jiru quubsaa waan hin taaneef mootummaan jijjiramaa rakoo kana furuuf keessattuu gama tajaajilaa Diijitaalaa diriirsuufi qixa guutuu ta’een hojiirra oolchuuf kutannoo addaatiin hojjetamaaa jiraachuu ragaan Waajjira Pireezidaantii MNO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment